Finfinnee, Waxabajjii 7, 2017 (FMC) – Pireezidaantiin FDRI Taayyee Atsiqasillaaseen Warshaa dhugaatii Keenyaa eebbisiisuun hojii eegalchiisan.Sagantaan eebba warshaa dhugaatii Keenyaa Godina Shawaa Lixaa magaalaa Ginciitti gaggeeffamaa jira.Saganticharratti Pireezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaa dabalatee hoggantoonni olaanoon mootummaa federaalaafi naannoo argamaniiru.Warshichi lafa heektaara 110 irratti Birrii biiliyoonni 22 oliin ijaarame.Waggaatti oomisha heektoo liitira miiliyoona 3 ol oomishuu kan danda’u, teeknooloojiinis sadarkaa idil addunyaatti dorgomaa kan ta’edha.Dhaabbatichi waldaa akksiyoonaan kan hundaa’e yoo ta’u, abbootiin aksiyoonaa kuma 4 ol, waldaaleefi dhaabbileen hojii gamntaa waliin ta’uun kan hundeessani.Yeroo ammaa namoota 250 oliif carraa hojii kan uume yoo ta’u guutummaan guutuutti gara hojiitti wayita seenu namoota kuma 1 carraa hojii ni uuma jedhameera.Gammachuu Beekumaatu gabaase.#Oromia #EthiopiaOdeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;Teelegiraama t.me/afanoromofanaYuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromooMarsariitii www.fanamc.com/afaanoromooTiwiitara https://twitter.com/fanatelevisionFeesbuukii: FBC Afaan OromooTiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromooYeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.