Mootummaan Naannoo Oromiyaa dinaagdee hogganee hawaasa hiyyummaa keessaa baasaa jira- Pir. Shimallis Abdiisaa

Wait 5 sec.

Finfinnee, Waxabajjii 7, 2017 (FMC) – Mootummaan Naannoo Oromiyaa dinaagdee hogganee hawaasa hiyyummaa keessaa baasaa jira jedhan Pireezidaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaan.Hojii waraaqsa diinagdee waggoottan darban hojjetamaa jiruun hawaasni irra fayyadamuu danda’eera jedhan.Uummanni naannichaa sochii dinaagdee keessatti hirmaachaa jiraachuu kaasanii, dargaggootaaf carraa hojii gama uumuutiinis milkaa’inni argamuu ibsaniiru.Kanaaf immoo warshaan oomisha dhugaatii Keenyaa agarsiistuu tokko ta’uu dubbataniiru.Warraqsi dinaagdee Oromoo jalqabbiirra jira kan  jedhan obbo Shimallis hojii jalqabame milkeessuuf hojii manee hedduun jiraachuu yaadachiisan.Gammachuu Beekumaa gabaase#Oromia #EthiopiaOdeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;Teelegiraama t.me/afanoromofanaYuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromooMarsariitii www.fanamc.com/afaanoromooTiwiitara https://twitter.com/fanatelevisionFeesbuukii: FBC Afaan OromooTiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromooYeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.