Warshaan oomisha dhugaattii Keenyaa teeknooloojii ammayyaan ijaarame- Pireezidaanti Taayyee Atsiqasillaasee

Wait 5 sec.

Finfinnee, Waxabajjii 7, 2017 (FMC)- Warshaan oomisha dhugaattii Keenyaa teeknooloojii ammayyaa sadarkaa addunyaan amma irra geesseen ijaarame jedhan Pireezidaantiin FDRI Taayyee Atsiqasillaaseen.Warshichi hawaasaa naannawaaf carraa hojii uumuu kaasanii, teeknoolojii ammayya sadarkaa addunyaan irra geesseen  ijaaramuun taajajila kennuu eegaleera jedhan.Warshichi jiddugalaa qorannoo ta’uun hawaasa godinichaafi biyyattii tajaajiluu akka danda’us eeran.Warshaan oomisha dhugaatii Keenyaa akkuma qabeenya hawaasaa ta’ee hawaasaa naannawaaf xiyyeeffannoo kennuu akka qabu hubachiisaniiru.Qaamolee hojichi sadarkaa kana irra akka gahuuf gumaachan galateeffataniiru.Gammachuu Beekumaatu gabaase.#Oromia #EthiopiaOdeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;Teelegiraama t.me/afanoromofanaYuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromooMarsariitii www.fanamc.com/afaanoromooTiwiitara https://twitter.com/fanatelevisionFeesbuukii: FBC Afaan OromooTiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromooYeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.