Finfinnee, Waxabajjii 7, 2017 (FMC)- Magaalonni Ismaartiin hundaa’uun kenniinsa tajaajilaa guddiseera jedhan Ministirri Ministeera Magaalaafi Bu’uuraalee Misoomaa Aadde Caaltuu Saaniin.Waltajjiin marii “ Waa’ee Itiyoophiyaa” bu’uuraalee Misoomaarratti xiyyeeffate magaalaa Dirree Dhawaatti gaggeeffamaa jira.Bu’uuraalee misoomaa diriirsuufi magaalota ammayyeessuuf xiyyeeffannoon kennamee hojjetamaa jiraachuu Aadde Caaltuun ibsaniiru.Hojii Raawwachiistuu Olaantuun Itiyoo-Telekoom Fireehiwoot Taammiruun gamasaaniin, lammiilee miiliyoona 92 fayyadamoo teelekoomiifi lammiilee miiliyoona 52 ammoo fayyadamoo intarneetii taasisuun akka danda’ame dubbataniiru.Hojii Raawwachiisaa Olaanaan Dhaabbata Hojiilee Ijaarsaa Itiyoophiyaa Injinar Yoonaas Ayyaaleewu, waggoottan torban darbanitti bu’uuraaleen misoomaa daandii kiiloomeetira kuma 26 ture gara kiiloomeetira kuma 75’tti guddachuu ibsaniiru.Waltajjicharratti kantiibaa magaalaa Dirree Dhawaa obbo Kadir Juwaar dabalatee hoggantoonni olaanoon mootummaa federaalaafi bulchiinsa magaalichaa argamaniiru.Tasfaayee Hayiluutu gabaase.#Oromia #EthiopiaOdeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;Teelegiraama t.me/afanoromofanaYuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromooMarsariitii www.fanamc.com/afaanoromooTiwiitara https://twitter.com/fanatelevisionFeesbuukii: FBC Afaan OromooTiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromooYeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.