Itiyoophiyaan yakkoota daangaa ce’an ittisuuf murannoo qabdi- Pireezidaanti Taayyee Atsiqasillaasee

Wait 5 sec.

Finfinnee, Waxabajjii 27, 2017 (FMC)- Itiyoophiyaan tumsawwan yakkoota daangaa ce’an ittisuuf taasifaman cimsuuf murannoo qabdi jedhan Pireezidaantiin FDRI Taayyee Atsiqasillaaseen.Pireezidaanti Taayyee Atsiqasillaaseen Pireezidaantii Dhaabbata Poolisii Idil-addunyaa ( Interpool) Ahimad Naasir Al-Raayiz waliin mari’ataniiru.Pireezidaanti Taayyee Atsiqasillaaseen wayita kana akka jedhanitti, Itiyoophiyaan tumsawwan yakkoota daangaa ce’an ittisuuf taasifaman cimsuuf kutannoo qabdi.Gahee Interpool dhaabbilee poolisii biyyootaa qindeessuun bahachaa jiru dinqisiifachuu isaanii ragaan Waajjira Pireezidaantiirraa argame ni mul’isa.Oromia #EthiopiaOdeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;Teelegiraama t.me/afanoromofanaYuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromooMarsariitii www.fanamc.com/afaanoromooTiwiitara https://twitter.com/fanatelevisionFeesbuukii: FBC Afaan OromooTiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromooYeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.