Interpool Yakkoota Daangaa Ce’oo ittisuuf Gamtaa Afrikaa waliin ni hojjeta

Wait 5 sec.

Finfinnee, Waxabajjii 27, 2017 (FMC)- Dhaabbanni Poolisii Idil Addunyaa yakkoota daangaa ce’oo ittisuuf Gamtaa Afrikaa waliin nan hojjedha jedhe.Dura Taa’an Gamtaa Afrikaa Mahaammad Alii Yusuuf Pireezidaantii Interpool Ahimad Naasir Al Raayiiz waliin mari’ataniiru.Marii isaaniin, Mahaammad Alii Yusuuf ,Seera Interpool kabajuu fi nageenya idil Addunyaa eeguun tumsa taasisu dinqisiftaniiru.Interpool Gamtaa Afrikaa jalatti kan argamu Tumsa Poolisii Gamtaa Afrikaaf deeggarsa taasisaa jiruuf galateeffataniiru.Ahimad Naasir Al Raayiiz gamasaaniin, dhaabbanni isaanii hariiroo Gamtaa Afrikaa waliin qabu cimsuuf murannoo qabaachuu mirkaneessaniiru.Fuuldurattis yakkoota daangaa ce’oo ittisuufi olaantummaa seeraa mirkaneessuuf Gamtaa Afrikaa waliin hojjechuun kan itti fufu ta’uu ibsaniiru.Oromia #EthiopiaOdeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;Teelegiraama t.me/afanoromofanaYuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromooMarsariitii www.fanamc.com/afaanoromooTiwiitara https://twitter.com/fanatelevisionFeesbuukii: www.facebook.com/afaanoromoofanaTiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromooYeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.