Poolisiin Ferderaalaa Itiyoophiyaa hoggansa hojiitii filatamaatiin   badhafame

Wait 5 sec.

Poolisiin FerderaalFinfinnee, oWaxabajjii 17, 2017 (FMC) –  Poolisiin Ferderaalaa Itiyoophiyaa guyyaa Siivil Sarvisii Afirikaa irratti badhaasa dhaabbata hoggansa hojii filatamaatiin badhaasa warqee argateera.Guyyaa Siivil Sarvisii Itiyoophiyaa ilaalchisee dhaabbileen mootummaa biyyoota Afrikaa waajjira muummee Gamtaa Afrikaatti agrsiisa  ‎dhiyeessaniiru.Poolisiin Federaalaa Itiyoophiyaas  tekinooloojiiwwan rifoormiidaan hidhatee fi tajaajila uummataaf kennaa jiru agarsiisicha irratti dhiyeesseera.‎Agarsiisa kanaan dhaabbatichi badhaasa dhaabbata hoggansa hojii filatamaan hogganamuu injifachuun warqee badhaafameera.Komiishineerri  komiishinii Siivil Sarvisii Itiyoophiyaa Dooktar Makuriyaa Haayilee dorgommii damee afur qabu kanaan Poolisiin Federaalaadamee tekinooloojii ammayyaatti fayyadamee ittigaafatama kennameef ba’achuu kan jedhuun  injifatee badhaafamuu dubbataniiru.Dhaabbatichi waancaa warqee badhaafamuun isaa Poolisii Federaalaa qofa utuu hintaane, biyyas kan boonsuu dha jedhan.Komiishinarri Jeneraalaa Poolisii Federaalaa Dammallaash Gabiramikaa’el gama isaaniin badhaasichi poolisiin Federaalaa jabaatee akka hojjetuu fi bu’aalee tekinooloojii biyya boonsan irratti akka xiyyeeffatuuf kan jajjabeessuu dha jedhaniiru.Kana irras darbee dhaabbilee Siivil Sarvisii kan kakaasu ta’uus kaasanii, dhaabbatichi gara fuula duraatti biyyaafis ta’e ardichaaf wantoota haaraa beeksisuuf kan hojjetun ta’uu mirkaneessaniiru.Taarikuu Laggasaatu gabaase#Oromia #EthiopiaOdeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;Teelegiraama t.me/afanoromofanaYuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromooMarsariitii www.fanamc.com/afaanoromooTiwiitara https://twitter.com/fanatelevisionFeesbuukii: www.facebook.com/afaanoromoofanaTiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromooYeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.