Finfinnee, Waxabajjii 12, 2017(FMC)- Itiyoophiyaatti daldalli boba’aa seeraan alaa kan babal’ateef gatiin gurgurtaa boba’aa kan biyyoota ollaan gadi waan ta’eefi jedhan Ministirri Ministeera Daldalaafi Walitti Hidhamiinsa Naannawaa Dooktar Kaasaahun Gofeen.Dooktar Kaasaahun guyyaa har’aa raawwii karoora baatiiwwan 11 darbanii ministeerichaa Mana Maree Bakka Bu’oota Uummataaf dhiyeessaniiru.Miseensonni mana marichaa daldala boba’aa seeraan alaa to’achuufi iddoowwwan buufanni boba’aa hin jirretti buufataalee boba’aa babal’isuuf hojiilee hojjetamaa jiran irratti ibsi akka kennamu gaafataniiru.Dooktar Kaasaahun deebii laataniin, buufataaleen boba’aa kumni 1 fi 700 ol tajaajila kennaa jiraachuu, buufataaleen dabalataa ijaarsi isaanii xumurame 250 banuuf tattaaffiin godhamaa jira jedhan.Iddoowwan buufataaleen boba’aa hin jirretti buufataaleen akka ijaaramaniif Maaster Pilaaniin biyyaalessaa qophaa’aa jiraachuus eeran.Yeroo ammaa Itiyoophiyaan oomishaalee boba’aa hunda gama teerminaala Jibuutiin galchaa jiraachuu kaasanii, dhaabbileen boba’aa 58 fi bootteewwan boba’aa kumni 5 fi 427 jiraachuu eeraniiru.Bara baajataa darbe boba’aa liitirri biiliyoona 3 fi miiliyoonni 900 dhiyaachuu yaadachiisanii, bara baajataa xumuramaa jiru kanatti boba’aa liitirri biiliyoonni 4 fi miiliyoonni 300 dhiyaateera jedhan.Kunis kan bara darbeerra %10 caalmaa qabaachuu kaasaniiru.Daldala boba’aa seeraan alaaf sababni dhiyeessii gahaan jiraachuu dhabuufi Itiyoophiyaatti gatiin gurgurtaa boba’aa kan biyyoota ollaan gadi ta’uu ibsaniiru.Masaafint Iyyaayyuutu Gabaase.#Oromia #EthiopiaOdeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;Teelegiraama t.me/afanoromofanaYuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromooMarsariitii www.fanamc.com/afaanoromooTiwiitara https://twitter.com/fanatelevisionFeesbuukii: FBC Afaan OromooTiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromooYeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.