Finfinnee, Waxabajjii 25, 2017 (FMC) – Bara baajataa kana tajaajila mana qopheessarraa Birrii biiliyoonni 76 ol walitti qabameera jedhe Ministeerri Magaalaa fi Bu’uuraalee Misoomaa.Ministeerichi raawwii karoora bara 2017 fi karoora bara 2018 gamaaggamaa jira.Rakkoolee walxaxaa keessatti damicha haala fooyya’aan dursuun hojiilee hojjetameen bu’aa qabatamaan argamuu Ministirri Ministeera Magaalaa fi Bu’uuraalee Misoomaa aadde Caaltuu Saaniin gamaaggamicharratti kaasaniiru.Bara baajatichaa Daandiin Kiiloo Meetirri kumni 100 fi kumni 75 fi 879 hojjetamuu fi magaaloota 220 keessatti sadarkaa tajaajila mana qopheessaa hojiirra oolchuun danda’ameera jedhan.Tajaajila Mana qopheessarraa Birrii biiliyoonni 76.3 argamuu himaniiru.Qabiyyeen lafaa kaareen kumni 400 fi kumni 99 fi 75 sirna Kaadaasteraan galmaa’uu kaasan.Beezaawiit Kabbadaatu gabaase.#Oromia #EthiopiaOdeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;Teelegiraama t.me/afanoromofanaYuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromooMarsariitii www.fanamc.com/afaanoromooTiwiitara https://twitter.com/fanatelevisionFeesbuukii: www.facebook.com/afaanoromoofanaTiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromooYeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.