Finfinnee, Waxabajjii 21, 2017 (FMC) – Inistiityuutii leenjiifi qorannoo seera Oromiya workishooppii mirkaneessa qorannoowwan bara 2017 mata dureewwan qorannoo garaagaraa irratti gaggeesse.Workishooppii mirkaneessa qorannoowwan bara 2017 kun bakka Ogeeyyiin seeraa,qaamoleen qooda fudhattootaa fi Preezidaantiin mana murtii waliigalaa Oromiyaa obbo Gaazaalii Abbaa Simal argamanitti gaggeeffameera.Inistiityuutichi tajaajilli kenninsa haqaa haalan hojiirra oolee bu’aan barbaadamu akka argamuuf xiyyeeffannoon hojjetaa jiraachuu Itti aanan Daayrektara olaanaa Inistiitiyuutii leenjiifi qorannoo seera Oromiyaa obbo Sulxaan Abdoon haasawa taasisaniin ibsaniiru.Manneen murtitti hawaasni tajaajila si’ataafi qaqqabamaa akka argatuuf qorannoowwan garaagaraa gaggeessuun akka hojiirra oolus taasifamaa turuu himan.Inistiitiyuutiichi hanga ammaatti qorannoowwan 90 ta’an qorachuun hojiirra akka oolus taasifamera jechuun himan.Pireezidaantiin Mana Murtii waliigalaa Oromiyaa obbo Gaazaalii Abbaa Simal gama isaaniinQorannoo kun qorannoo rakkoo hiikuufi sirna haqaa keenya jijjiiruu danda’uudha jedhan.Qorannichaanis rakkoowwan adda baafamaniif yaadni furmaataa kaame bu’urarraa rakkinichaaf furmaata waaraa akka ta’uu danda’u ibsaniiru.Faxxanaa Zawudeetu gabaase.#Oromia #EthiopiaOdeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;Teelegiraama t.me/afanoromofanaYuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromooMarsariitii www.fanamc.com/afaanoromooTiwiitara https://twitter.com/fanatelevisionFeesbuukii: www.facebook.com/afaanoromoofanaTiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromooYeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.