Sagantaan Ashaaraa Magariisaa diinagdee biyyaa utubaa jira- obbo Addisuu Araggaa

Wait 5 sec.

Finfinnee, Waxabajjii 24, 2017 (FMC )- Sagantaan Ashaaraa Magariisaa madaala uumaamaa tiksuun cinatti diinagdee biyyaa utubaa jira jedhan Sadarkaa Itti Aanaa Pirezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaatti Qindeessaa kilaastara Misooma Baadiyyaa Obbo Addisuu Araggaan.Naannoo Oromiyaatti Sagantaan Ashaaraa Magariisaa bara 2017 Godina Shawaa Kibba Lixaa Aanaa Wancii, ganda Sonqolleetti eegalameera.Sagantaa kanarratti Obbo Addisuu Araggaan haasaa taasisaniin, barii jijjiiramaa irraa eegalee inisheetiivii Ministira Muummee Dooktar Abiy Ahmediin sagantaan Ashaaraa Magariisaa akka biyyatti eegale, madaalaa uumaa tiksuun cinatti dinagdee biyyaa tarkaanfachisaa jira jedhan.Bara kanas akka naannoo Oromiyaatti Sagantaan Ashaaraa Magariisaa mata duree “Gaaddisa dhalootaa” jedhuun kan geggeeffamu ta’uu dubbataniiru.Waggoottan darbanitti Sagantaa Ashaaraa Magariisaan biqiltuun miiliyoonni 25 fi kumni 300 dhaabbachuun %84 dandamachuu, lafti heektaarri miiliyoonni 6 fi kumni 800 biqiltuun uwwifamuu eeraniiru.Waggoottan darban keessatti Sagantaa Ashaaraa Magaariisaan bu’aalee gurguddoon argamuu himanii, kufamni bishaanii dabaluu, dhiqamni biyyee hir’achuufi haroowwan badani turan deebi’uu danda’aniiru jedhan.Bara 2011 uwwisni bosona naannichaa %17 irra akka ture yaadachiisuun, hojii Ashaaraa Magariisaa waggoottan 6’n darbanitti hojjetamaniin %29’tti guddachuus eeraniiru.Itti aanaa Hogganaa Biiroo Qonnaa Oromiyaa obbo Eliyaas Kadir gamasaaniin, badhaadhina akka biyyaatti eegalame itti fufsiisuuf waggoottan jijjiiramaa darban keessatti hojii gurguddoon hojjetamaa turuu himuu isaanii ragaan Kominikeeshinii Oromiyaarraa argame ni mul’isa.Hojii milkaa’inni guddan irratti argame Ashaaraa Magariisaa ta’uus dubbataniiru.#Oromia #EthiopiaOdeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;Teelegiraama t.me/afanoromofanaYuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromooMarsariitii www.fanamc.com/afaanoromooTiwiitara https://twitter.com/fanatelevisionFeesbuukii: www.facebook.com/afaanoromoofanaTiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromooYeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.