Aanaa Dabaarqitti balaa Tiraafikaa mudateen lubbuun namoota 12 darbe

Wait 5 sec.

Finfinnee, Guraandhala 18, 2017 (FMC) – Naannoo Amaaraa Godina Goondar Kaabaa aanaa Dabaarqitti balaa Tiraafikaa mudateen lubbuun namoota 12 darbuu Poolisiin godinichaa ibse.Balaa kanaan namoonni 39 miidhaa qaamaaf saaxilamuu Qajeelcha Poolisii Godinichaatti Itti Gaafatamaan kutaa Barnootaa fi Leenjii Inispeektar Yibalxaal Marshaan ibsuu ragaan Kominikeeahinii Godicharraa argame ni mul’isa.Konkolaataan fe’umsaa Bayyadaarraa gara Magaalaa Dabaarqi imalaa ture garagaluun miidhaa kana qaqqabsiisuu eerameera.#Oromia #Ityoophiyaa