Finfinnee, Guraandhala 18, 2017 (FMC) – Fooramiin Biiznasii Itiyoo Chaayinaa dhaabbilee 300 ol hirmaachise Beejiingitti gaggeeffameera.Chaayinaatti Embaasiin Itiyoophiyaa koree Tumsaa fi Michummaan Itiyoo – Chaayinaa waloon kan qopheessan yoo ta’u, har’a Magaalaa Beejingitti taa’ameera.Hariiroo hunda galeessa biyyoota lamaanii caalmaatti cimsuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuu Chaayinaatti Ambaasaaddarri Itiyoophiyaa Tafarraa Darribaw ibsaniiru.