Tasgabbii naannawaa Daangaa Afaarii fi Somaaleetti argame waaressuun murteessaa ta’uu ibsame

Wait 5 sec.

Finfinnee, Guraandhala 18, 2017 (FMC) –Tasgabbii naannawaa Daangaa Afaarii fi Somaaleetti argame caalmaatti waaressuun murteessaa ta’uu ibsameera.Walitti bu’iinsa naannawaa Daangaa naannolee lamaanitti uumamee ture furuuf tattaaffiin taasifame bu’aa argamsiisuu eerameera.Koreen olaanaan mootummaa Federaalaa fi naannolee kanneenii walitti bu’iinsicha hambisuuf hundaa’e har’a raawwii jiru gamaaggameera.Koreen Ministira Muummee Itti Aanaa FDRI Obbo Tamasgeen Xirunaan durfamu hojiilee Koree Teeknikaan hojjetame gamaaggamuun kallattii yeroo itti aanuu kaa’eera.Baatiwwan darban keessa dhukaasni akka dhaabatu, marii nageenyaa sadarkaa adda addaatti taasifamuu fi ragaa buqqaatootaa qulqulleessuurratti hojii gaariin hojjetamuu Obbo Tamasgeen Xirunaan ibsaniiru.Bu’aa argameefis hoggantoota naannolee lamaanii fi koree Teeknikaa galateeffataniiru.Bu’aa argame caalmaatti waaressuuf hojjechuun murteessaa ta’uu irratti waliigalamuus kaasaniiru.