Finfinee, Guraandhala 17, 2017 (FMC )- Ministirri Ministeera Daldalaa fi Walitti Hidhamiinsa Naannawaa Dooktar Kaasahuun Goofeen jila Pireezidaantii Itti Aanaa Mana Maree Babal’isa Daldalaa Chaayinaa Cheen Jiyaanaaniin durfamu waliin mari’ataniiru.Dooktar Kaasahuun gama Miidiyaa hawaasummaa isaaniin akka ibsanitti, Itiyoophiyaan yeroo kamiyyuu caala daldalaa fi invastimatiif immaammata mijataa hojiirra oolchaa jirti.Jilichi turtii isaan bu’aawwan jijjiiramaa daawwannaa isaaniitiin arganitti gammaduu ibsuu isaanii himaniiru.Itiyoophiyaan agarsiisa baatii Adoolessa Chaayinaatti qophaa’urratti akka hirmaatuuf affeeramuu eeruun, hawaasni biiznasii muuxannoo akka irraa argatan haalli mijataan kan uumamu ta’u kaasaniiru.#Oromia #Ethiopia