Gaaffilee bu’uuraa uummanni kaasu deebisuuf hojjetamaa jira – Aadde Caaltuu Saanii

Wait 5 sec.

Finfinnee, Guraandhala 17, 2017 (FMC) – Naannoo Giddugaleessa Itiyoophiyaa magaalaa Walqixxeetti mariin ummataa taa’amaa jira.Akka biyyatti qormaatilee hedduu ce’uun bu’aa gaariin galmaa’uu Miseensi Koree Hojii Raawwachiiftuu Paartii Badhaadhinaa fi Ministirri Ministeera Magaalaa fi Bu’uuraalee Misoomaa Aadde Caaltuu Saaniin mari’acharratti argamuun haasawa taasisaaniin ibsaniiru.Gaaffilee bu’uuraa ummanni kaasu deebisuuf hojjetamaa jiraachuu kaasaniiru.Dhaloota eeggatummaa lagatu harachuun danda’amuus dubbataniiru.Oomisha Qamadii alaa galaa ture hambisuun alatti erguurra gahamuu eeraniiru.Hojii misooma Ashaaraa Magariisaan bu’aa gaariin galmaa’us himaniiru.Damee Dippiloomaasiin injifannoo olaanaan argamuu kaasaniiru.Seenessi waloon ummata biyyattiif faayidaa olaanaa qabaachuu mirkaneessaniiru.Ijaarsa Diinagdee itti fufiinsa qabu mirkaneessuuf xiyyeeffannoon hojjetamuu qaba jedhan.Carraa hojii uumuu fi oomishaa fi oomishtummaa guddisuun qaala’iinsa jireenyaa tasgabbeessuuf hojjechuun murteessaa akka ta’e himuu ragaan Kominikeeshinii naannichaarraa argame ni mul’isa.#Oromia #Ethiopia