Finfinnee, Guraandhala 17, 2017 (FMC)– Magaalonni Oromiyaa giddugala Konfiraansii ta’uun tuuriizimiif akka gumaachan qophaa’ummaa isaanii cimsuu fi deeggarsa taasisuu akka barbaachisu Komishiniin Tuuriizimii Oromiyaa ibse.Komishinarri Ittaanaa Komishinichaa Obbo Naggaa Wadaajoon Faanaa Dijitaaliif akka ibsanitti, tuuriizimiin koonfiraansi, walga’ii, onnachiiftuu, taateewwanii fi agarsiisa kan hammatedha.Magaalota giddugala tuuriizimii ta’an babal’isuuf komishinichi hojiilee magaalota beeksisuu bal’inaan hojjechaa akka jiru eeranii, magaalota naannichaa ijoo ta’anitti bu’uuraalee misoomaa babal’isu, haala nageenyaa amansiisaa taasisuu, dandeettii keessummeessuu magaalotaa cimsuuf hojiilee gaggaariin hojjetamaa akka jiran dubbataniiru.Oromiyaatti magaalonni akka Bishooftuu, Adaamaa, Jimmaa, Roobee, Shaashamannee fa’aan magaalota Naannoo Oromiyaa sadarkaa jalqabaatti, konfiraansiiwwan sadarkaa federaalaa fi naannoo bal’inaan keessummeessan ta’uu dubbataniiru.Magaalonni kaan muuxannoo bal’aa qabaachuu baatanis, gara giddugala koonfiraansiitti guddisuuf qophaa’ummaan isaanii cimsuu fi deeggarsa taasisuun barbaachisaa ta’uu ibsaniiru.Magaalonni bu’uuraalee misoomaa gahaa qabaachuun, miidhaginaa fi hawwattummaan isaanii dabalaa oggaa adeemu giddigala Koonfiraansii taa’aa dhufu jedhaniiru.Pirotokooliin Addunyaa koonfiraansii qopheessuuf kaa’ame akka jiru kan yaadachiisan Obbo Naggaan, ga’umsa, qophaa’ummaa fi muuxannoo gaafata jedhaniiru.Wayita pilaaniin magaalotaa qophaa’u, qooda fudhattoota hirmaachisuun, xiyyeeffannaa kennuurratti hanqinni jiraachuu ibsanii, komishinichi xiyyeeffannaan akka kennamu yaada kan dhiyeessu ta’uu kaasaniiru.Damichaan dorgomtummaa magaalota naannichaa fi magaalota biyyoota addunyaarra jiranii gidduu dabaluuf kan gumaachu ta’uu eeraniiru.Kunis galii argamsiisuutti dabalataan dhibbaa siyaasaa fi dippiloomaasii akka qabaatan tumsa ta’a jedhaniiru.Dabalaa Taaddasaatu gabaase.#Oromia #Ethiopia