Finfinnee, Guraandhala 17, 2017 (FMC) – Pireezidaantiin Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaan naannoo Beenishaanguul Gumuzitti Mana Barumsaa Ifa Boruu sadarkaa 2ffaa Baaroo Mootummaa Naannoo Oromiyaan ijaarame eebbisiisaniiru.Pireezidaanti Shimallis Abdiisaa fi Pireezidaantiin Naannoo Beenshaangul Gumuz Obbo Ashaadlii Hasan, Mana Barumsaa Ifa Boruu Sadarkaa 2ffaa Baaroo Naannoo Beenshaangul Gumuzitti Mootummaa Naannoo Oromiyaan Ganda Baarootti ijaarame eebbisaniiru.Mootummaan Naannoo Oromiyaa manneen barnootaa Ifa Boruu naannolee ollaatti ijaarsisuun dhaloonni akka baratuuf tumsaa jiraachuu OBN gabaaseera.#Oromia #Ethiopia