Finfinnee, Guraandhala 19, 2017 (FMC) – Ministirri Ministeera Raayyaa Ittisaa Injinar Ayishaa Mahaammad jila Ministira Ministeera Raayyaa Ittisaa Rippaabilika Niijeer Leetenaal Jeneraal Saaliifoo Moodiin durfamu waliin mari’atan.Tokkummaan wal amantaarratti hundaa’ee fi hariiroon faayidaa waloo kabachiisu hanga jirutti sababni Afrikaan biyyoota addunyaa biroof fakkeenya itti hin taane kan hin jirre ta’uu Injiinar Ayishaa Mahaammad ibsaniiru.Itiyoophiyaan ejjennoo cimaa rakkoon Afrikaanotaa, Afrikaanotaan furamuu qabaachuu hubachiisaniiru.Leetenaal Jeneraal Saaliifoo Moodiin gamasaaniin, Itiyoophiyaan biyya guddoo ta’uufi bilisummaa Afrikaaf gatii kaffaluu ibsaniiru.Dhimmoota tasgabbiifi loltummaa irratti deeggarsi Itiyoophiyaa kan isaan barbaachisu ta’uufi waloon hojjechuuf murannoo qabaachuu eeraniiru.Muuxannoo loltummaa fi manneen barnootaa loltummaa Itiyoophiyaa qooddachuun, Dhaabbata loltummaa ammayyaa ijaaruu akka barbaadan dubbachuu ragaan Raayyaa Ittisaarraa argame ni mul’isa.#Oromia #Ethiopia