Finfinnee, Guraandhala 19, 2017 (FMC)-Bu’uura badhaadhinaa kan ta’e nageenya eeguun itti gaafatama walooti jechuun Paartiin Badhaadhina hubachiise.Paartichi gama miidiyaa hawaasummaa isaan ibsa baaseen nageenyi daran nu barbaachisa jedheera.Akka biyyatti guddina waaraa galmeessuu fi jireenya guyyuu ummatoota jijjiiruuf nagaan bu’uura ta’uu eereera.Sadarkaa dhuunfaattis yoo ta’e, nagaan yoo hinjiraanne ba’anii galuun, hojjetanii nyaachuun, dhala godhachuun akka hindanda’amne ibseera.Nagaan dhala namaa qofaaf utuu hintaane, beelladaaf, bineensota bosonaaf, biqilootaaf, garreniif, laggeeniif daran barbaachisaa ta’uu himeera.Faalla kanaan ammoo waraanni, mancaasaa, ajjeessaa, biyya diigaa, lammiilee buqqisaa, hiyyummaa fi duubatti hafummaa kan babal’isu ta’uu eeruun, waraanni gaarii fi nageenyi yaraan akka hinjirre ibseera.Kanaaf nageenyi daran akka barbaachisu hubachiiseera.Fedhiin bu’uuraa lammiilee nagaa, misooma, bilisummaa fi dimokirasii ta’uu himuun, Paartiin Badhadhinaa nagaan Itiyoophiyaaf, lammiilee isheef , Afrikaaf , Addunyaaf jechuun irra deddeebiin waltajjii hundaarratti kan laallabu ta’uu beeksiseera.Qaamolee qabsoo nagaa didan osoo hinhafne hanga har’aatti irra deddeebiin harka bal’isuun waamicha nagaa kan taasisaa jiru ta’uu yaadachiiseera.Akka paartiitti filmaataa karaa nagaaf kan dursa kennuuf ummannii hafuura nagaa baafachuu akka qabu, misoomnii akka barbaachisuun, maaddii jijjiiramaarraa hirmaachuu akka qabu kan amanu ta’uu ibseera.Kutannoo Paartichi nageenyaaf qabu hojiilee hedduun kan ibsamu ta’uu eeruun, dhaabileefi bu’uuraalee misoomaa waraana Kaabaan barbadaa’anii fi naannicha deebisanii dhaabuuf adeemsi taasifame kutannoo nageenyaaf qabu addunyaaf mul’isuu ibseera.Paartichi yaa’ii isaa idilee 2ffaan, mariin biyyaalessaa eegalame milkaa’inaan xumuramuun rakkoon siyaasaa Itiyoophiyaa barootaaf ture akka xumuramu, garaagarummaafi walitti bu’iinsaaf daandiin furmaataa akka saaqamu, hojiirra oolmaafi milkaa’ina haqa ce’umsaaf itti gaafatamummaa irraa eegamu gahumsaan ba’achuuf, mariin qaamolee hidhatanii socho’an waliin taasifamu cimee akka itti fufuuf kallattii kaa’uun kutannoo nageenyaaf qabu kan agarsiisu ta’uu eereera.Itiyoophiyaan qabeenya hedduun kan badhaate akkasumas biyya umrii dheeraa lakkoofsiste taatee osoo jirtuu, yeroo garaagaraatti diinota alaa fi gantoota keessaan nageenya ishee dhabdee qabeenya ishee itti fayyadamuun gara badhaadhinaatti cehuu akka hindandeenye yaadachiiseera.Sababoonni kunneen har’as Itiyoophiyaa qoraa kan jiran ta’us, abbootiin kaleessaa afaaniin, aadaan, amantii fi sabaan osoo hinqoqqoodamiin tokko ta’uun weeratoota faashistii Xaaliyaaniifi gantoota keessaa waraanuun injifannoo gurraachota hundaa kan ta’e Adwaa injifachuun akkuma addunyaa raajeffachiisan, nutis ijoollee abboota keenyaa waan taaneef, tokkummaa sabdaneessummaa keenyaa cimsuun qormaatilee Itiyoophiyaa fi uummata ishee mudatan hunda injifachuun gara badhaadhinaatti cehuun keenya hinoolu jedheera.#Oromia #Ethiopia