Paartiin Badhaadhinaa hawaasa hirmaachisuun gaaffilee ummataaf deebii kennaa jira-Obbo Awwaluu Abdii

Wait 5 sec.

Finfinnee, Guraandhala 16, 2017 (FMC) – Paartiin Badhaadhinaa hawaasa hirmaachisuun gaaffilee ummataa hedduuf deebii kennaa jiraachuu Pireezidaantii Itti Aanaan Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Awwaluu Abdiin dubbatan.Koonfiraansiin ummataa kutaalee hawaasaa garaagaraa hirmachise Magaalaa Boongaatti gaggeeffameera.Waltajjicharratti Obbo Awwaluu Abdiin akka jedhanitti, Paartiin Badhaadhina ummata hirmaachisuu fi qindeessuun gaaffilee hedduu deebiseera.Yaa’ii jalqabaa paartichaan kallattiiwwan akeekaman bu’uureffachuun milkaa’inni hedduun galmaa’uu ibsaniiru.Naannoon Kibba Lixaa Itiyoophiya bifa haaraan akka gurmaa’u taasisuun agarsiistuu ta’uus kaasan.Kaallattiiwwan yaa’ii 2ffaan paartichaan akeekamanirratti hubannoo waloon ijaarsa biyyaa milkeessuuf tattaafachuun akka barbaachisu eeraniiru.Waltajjicharratti bu’aalee waggoottan darban galmaa’an cimsuuf qophii ta’uu Itti Gaafatamaan Waajjira Paartii Badhaadhinaa Damee Naannoo Kibba Lixa Itiyoophiyaa Obbo Fiqiree Amaan ibsuu TOI gabaaseera.#Oromia #Ethiopia