Finfinnee, Guraandhala 16, 2017 (FMC) – Mootummaan gaaffilee Ummataaf deebii kennuuf qophii ta’uu Ministirri Ministeera Hojii fi Ogummaa Aadde Mufaariyaat Kaamil dubbatan.Kutaalee hawaasa garaagaraa kan hirmaachise Koonfiraansiin Ummataa Magaalaa Asoosaatti gaggeeffameera.Waltajjicharratti Aadde Mufaariyaat Kaamiil akka jedhanitti, mootummaan gaaffilee ummataa dhaggeeffachuun deebii itti kennuuf qophiidha.Bu’aaleen naannichatti galmaa’an fayyadamummaa ummataa kan mirkaneessanii fi badhaadhina hundagalessaa milkeessuuf gumaacha olaanaa qaba jedhan.Hojiilee hundagaleessaa Paartiin Badhaadhinaa hojjetu fayyadamummaa ummata mirkaneessuuf kan kaayyeffate ta’uu eeruu TOI gabaaseera.Itti Gaafatamaan Waajjira Paartii Badhaadhinaa Damee Naannoo Beenishaangul Gumuz Obbo Isaaq Abdulqaadir, hojiilee misoomaa naannichatti geggeeffaman jireenya ummataa kanneen fooyyessaniidha jedhaniiru.Gaaffilee misoomaa fi bulchiinsa gaarii amallee hinfuramiin jiran furuuf mootummaan naannichaa kutannoon kan hojjetu ta’uu ibsaniiru.#Oromia #Ethiopia