Murtoowwanii fi Kallattiiwwan darban milkeessuuf hundi akka tumsu Paartiin Badhaadhinaa waamicha dhiyeesse

Wait 5 sec.

Finfinnee, Guraandhala 19, 2017 (FMC) – Murtoowwanii fi Kallattiiwwan Yaa’ii Paartii Badhaadhinaa 2ffaan darban karaa bu’aa qabeessa ta’een akka hojiitti hiikamu qooda fudhattoonni hundi akka tumsan waamichi dhiyaatera.Konfiraansiin uummataa kutaalee hawaasaa garaagaraa kuma 33 fi 766 hirmaachuun magaalota 24 keessatti taa’ame milkiin xumuramuu Pireezidaantiin Itti Aanaan Paartii Badhaadhinaa Obbo Adam Faaraahi ibsan.Kallattiwwanii fi Murtoowwan Yaa’ii Paartii Badhaadhinaa 2ffaan kaa’amann akkaataa biyyaaf bu’aa buusuun hojiirra akka oolu qooda fudhattoonni hundi tumsa barbaachisu akka taasisan Sadarkaa Itti Aanaa Ministira Muummeetti Itti Gaafatamaan Qindeessa Giddugala Ijaarsa Sirna Diimookiraasii Obbo Adam Faaraahiin waamicha dhiyeessaniiru.Konfiraansiin uummataa kun milkiin akka xumuramu qaamolee qooda isaanii bahan hunda galateeffataniitu.Hojiirra oolmaa murtoowwanii fi Kallattiiwwan paartiin kaa’ameef qooda isaanii kan bahatan ta’uu hirmaattonni konfiraansichaa himuu eeraniiru.Bu’aawwan waggoottan darban keessa galmaa’aanis ta’ee dhimmoota yeroo itti aanu sirrachuu qabanirratti mariin taasiifamuu ibsaniiru.Keessattuu dhimmoota nageenyaa, qaala’iinsa jireenyaa, carraa hojii uumuu, kenniinsa tajaajilaa, bu’uuraalee misoomaa fi kanneen biroorratti ka’aniif deebii madaalu kennuuf paartiin Badhaadhinaa murannoon kan hojjetu ta’uu himaniiru.