Finfinnee, Guraandhala 16, 2017 (FMC)–Qondaaltonni mootummaa koonfiraansii ummataa gaggeessaa turan naannolee garaagaratti hojiilee misoomaa gaggeeffamaa jiran daawwataniiru.Haaluma kanaan, Naannoo Kibba Lixa Itiyoophiyaatti hojiileen misoomaa Magaalaa Boongaatti hojjetamaa jiran daawwatamaniiru.Daawwannicharratti Pireezidaantii Itti Aanaa Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Awwaluu Abdii dabalatee qondaaltonni naannichaa biroon argamaniiru.Naannoo Beenishaangul Gumuzittis Ministirri Ministeera Hojii fi Ogummaa Aadde Mufaariyaat Kaamiil, Pireezidaantii Naannichaa Obbo Ashaadilii Hasan dabalatee, qondaaltonn biroon hojiilee leenjii teeknikaa fi ogummaa, ce’umsa teeknooloojiin hojiilee gaggeeffamaa jiran daawwataniiru.Imaammanni damee leenjii teeknikaa fi ogummaan became qabatamaa ta’aa jiraachuun kan argisiisu ta’uu Aadde Mufaariyaat daawwannicharratti dubbataniiru.Dhaabbileen damichaa hojilee rakkoo hawaasaa furan hojjechuun akka irraa eegamu ibsanii, hojiilee misooma kooriidariif Koolleejjiin Poolii Teekinikaa Asoosaa dhiyeessi galteewwan taasisaa jiru argisiistuudha jedhaniiru.Dabalataan koolleejjichii fi Eejensiin Babal’isaa Baay’isa Sanyii fi Teeknooloo Baadiyyaa misooma naannawichaa saffisiisuuf tumsaa jiraachuu ibsuu ragan kominikeeshinii naannichaarraa argame ni mul’isa.#Oromia #Ethiopia