Finfinnee, Guraandhala 20, 2017 (FMC) – Daawwannaan Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad Somaaliyaatti taasisan hariiroo waloo biyyoota lamaanii caalmaatti fooyyessuuf faayidaa olaanaa akka qabu Ministirri Ministeera Dhimma Alaa Dooktar Geediyoon Xiimootiwoos ibsan.Daawwannaa hiikoo addaa qabuu fi hariiroon biyyoota lamaanii wal gaarreffannaa keessa ture keessaa bahuun boqonnaan michummaa fi tumsaa haaraan uumamuu agarsiiftuudha jedhan.Waliigaltee Ankaaraa booda hariiroon biyyoota lamaanii cimaa dhufuu dubbataniiruHariiroon biyyoota kanneenii caalmaatti cimaa jiraachuu mul’iftuu ta’uus kaasaniiru.Daawwannichi Itiyoophiyaan biyyoota ollaa fi naannawichaaf xiyyeeffannoo addaa kan laattu ta’uu agarsiiftuudha jedhan.Afmaasuu Arraagaawutu gabaase.#Oromia #Ityoophiyaa