Finfinnee, Guraandhala 20, 2017 (FMC) – Ajajaa Olaanaan Humna Qilleensaa Letanaal Jeneraal Yilmaa Mardasaan, Qondaaltoota Olaanoo Koollejjii Leenjii Akkaadaamii Hoggansaa Humni Qilleensaatti leenji’aa turan waliin mari’ataniiru.Raayyaan Ittisaa ijaarramu ergama bu’aa qabeessummaaf xinsammuun kan qophaa’ee fi Tarsiimoo ijaarsa yaadama dirqamaan cimee itti fufa jedhan Letenaal Jeneraal Yilmaa Mardasaan.Hoggansi leenjii hoggansummaa argateen Raayyaa hogganu bifa hundaan yaadama dirqaman qaba jedhuun ga’oomsuu qaba jedhan.Hoggansi haala idil addunyaa, ardii, naannawaa fi biyya keessaa yeroo kamiiyyuu caalaa sirnaan hubachuu akka qabu hubachiisaniiru.Humni Qilleensaa Itiyoophiyaa waggoottan darban ijaarsa dandeettii hidhannoo, dandeettii loltummaa, humna namaa, fi ijaarsa bu’uuraalee misoomaan hojiilee bu’aa qabeessaa raawwachuu dubbataniiru.Kanas caalmatti cimsee itti fufa jedhan.Qondaaltoota leenjiirra jiran waliin sirna biqiltuu dhaabuu gaggeessuu ragaan Raayyaa Ittisaarraa argame ni mul’isa.#Oromia #Ityoophiyaa