Finfinnee, Guraandhala 20, 2017 (FMC)- Injifannoo gootota Adwaan argame qabachuun dameewwan diinagdeefi hawaasummaan cimanii hojjechuun walabummaa diinagdee mirkaneessuun barbaachisaa ta’uu Ministirri Ministeera Aadaa fi Ispoortii Shawiit Shaankaan ibsan.Injifannoon Adwaa injifannoo guddaa Itiyoophiyaanonni gamtaan dhaabbachuun injifannoo gama maraan itti gonfatan ta’uu kaasuun, jaalala biyyaan, cishoomina kaayyoo, miira hin injifatamuu fi tokkummaa isaanii kan itti mul’isan ta’uu eeraniiru.Adwaan saboonni, sablammoonniifi uummattoonni Itiyoophiyaa birmadummaa biyyaa eegsisuuf miira waloo fi obbolummaan diina itti injifatan ta’uu ibsuun, Itiyoophiyaanonni tokkummaan yoo dhaabbatan injifannoo gonfachuu akka danda’an kan itti mirkaneeffatan ta’uu ibsaniiru.Miira injifannoo kana yaadachuuun qofa osoo hin taane, Itiyoophiyaa diinagdeen fooyyofte uumuuf tumsuun barbaachisaa ta’uu kaasaniiru.Itiyoophiyaanonni gootota Adwaarraa waltumsuufi wal dhaggeeffachuu akkasumas jaalala biyyaa dhaaluun muuxannoo rakkoolee mudatan keessaa injifannoon bahuun haala itti danda’amu fudhachuu qabna jechuu isaanii Tajaajilli Oduu Itiyoophiyaa gabaaseera.#Oromia #Ethiopia