Itiyoophiyaa fi Somaaliyaan hariiroo isaanii daran cimsuuf waliigalan

Wait 5 sec.

Finfinnee, Guraandhala 20, 2017 (FMC)– Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad daawwannaa hojiif Moqaadishoo wayita gahan Pireezidaantiin biyyattii Hasan Sheek Mohaammud simmannaa ho’aa taasisaniifiiru.Mootummoonni lameen ibsa ejjennoo waloon baasaniin, daawwannaan Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad taasisan,qaama tattaafii hariiroo dippiloomaasii biyyoota lameenii gara duraaniitti deebisuu ta’uun ibsameera.Hoggantoonni lameen hariiroo kana cimsuun fayyadamummaa waloof hojjechuuf kutannoo qaban mul’isuu eerameera.Biyyoonni lameen daangaa wal isaan quunnamsiisuu fi hariiroo uummataa seena qabeessa qabaniif beekamtii kennuun tumsa gama dippiloomaasii, diinagdee fi hawaasummaan qaban sadarkaa wal amantaarraan gahuu akka qaban ibsameera.Itiyoophiyaa fi Soomaaliyaan tasgabbiifi badhaadhina naannawichaaf galmaa fi mul’ata waloo qabaachuunis ibsameera.hoggantoonni lameen Piroojektoota bu’uuraalee misoomaa tarsiimawaa hojiirra oolchuuf murannoo qabaachuu ibsichi eerera.Kunis guddinni biyyoota lameenii walitti fufiinsa akka qabaatu, tumsi diinagdee fi hariiroon uummataa akka mirkanaa’u taasisa jedhameera.Dabalataan bu’uura waliigaltee Ankaaraan mariiwwan teeknikaa eegalamuun, adeemsarra jiraachuu, dureewwan akka simatan, mari’achuu fi walta’iinsa taasisuuf kutannoo qabaachuu ibsaniiru.Ajajoota Raayyaa Ittisa biyyaa Itiyoophiyaa fi Raayyaa Biyyaalessaa Somaaliyaa gidduutti waliigalteen taasifame walta’iinsaa nageenyaa sadarkaa caalutti ceesisuufi tasgabbii naannawichaa mirkaneessuuf tarkaanfii murteessaa ta’uu hubachuun gammachuun simachuu ibsichaan eerameera.Biyyoonni lameen faayidaa waloo cimsuun, nageenyaa fi tasgabbii mirkaneessuun akkasumas hariiroo gamlamee cimsuun lammiilee isaanii fi naannawaa Baha Afrikaaf waloon hojjechuuf kutannoo qabaachuu himuun ibsameera.#Oromia #Ethiopia