Finfinnee, Guraandhala 17, 2017 (FMC)– Godina Arsii Lixaa Aanaa Siraarootti Da’oon Qorkeewwan Sinqillee bara 1964 hundeeffame.Da’oo kana keessatti Qorkeewwan argaman yeroo yeroon lakkoofsi isaanii hir’achaa dhufuurraan abbootiin Gadaa, seeraa lallabanii akka kunuunfaman taasisan.Seera Abbootii Gadaatiin lallabameen, qorkeewwan akka miseensa gosa hawaasa naannawichaatti akka ilaalaman, namni Qorkeewwan da’ocha keessa jiran tuqes akka gosa hawaasaa tuqeetti ilaalamuun akka adabamu tumamuu Abbaan Gadaa Raamatoo Abbaabbuu ibsaniiru.Itti Gaafatamaan Da’oo Qorkeewwanii Sinqillee Obbo Gammchuu Lataa gama isaaniin lakkoofsi qorkeewwan da’ocha keessatti argamanii hir’achaa adeemuu himanii, erga Abbootiin Gadaa seera lallabanii, kunuunsi taasifamuu eegale jedhan.Lakkoofsi isaanii dabaluun qorkeewwan 400 ta’an hawaasa naannawichaan kunuunfamaa akka jiranis dubbataniiru.Da’oo kun tajaajila tuuriizimiif akka ooluuf, turistootaaf haala mijataa uumuuf Loojiin Hawaasaa da’ocha keessatti ijaarame tajaajila eegaleera.Loojicha tajaajila kan eegalchisan Ministirri Ministeera Tuuriizimii Aadde Salaamaawit Kaasaan akka jedhanitti, misoomni tuuriizimii hawaasa giddugaleeffate gumaacha guddina damichaaf qabu guutummaatti fayyadamuuf xiyyeeffannaan kan hojjetamu ta’uu beeksisaniiru.Loojiin Da’oo Qorkeewwan Sinqilleetti ijaarames misoomni tuuriizimii hirmaanna cimaa qaamolee dhimmichi ilaalatu kan gaafatu ta’uuf agarsiistuudha jedhaniiru.Akkaataa sirna gadaan kan kunuunfamaa ture Da’oon Qorkeewwanii Sinqillee, duudhaa sirnichaa naannolee birootti babal’isuu fi barsiisuuf fakkeenya ta’uu himuu TOI gabaaseera.#Oromia #Ethiopia