Injifannoon Adwaa injiffannoo waloo lammiillee Ititoophiyaa hundaati – Hayyoota

Wait 5 sec.

Finfinnee, Guraandhala 18, 2017 (FMC) – Injifannoon Adwaa injiffannoo waloo lammiilleen Itiyoophiyaa hundi garaagarummaa amantaa, aadaa, Afaanii fi eenyummaan osoo wal hin qoodin waloon diina qaanessan ta’uu hayyoonni ibsan.Tokkummaan kaleessaa bilisumma Itiyoophiyaafi gurachootaa maraaf bu’uura jedhan hayyoon FMC Waliin turtii taasisan.Dhalootni ammaas kan kaleessaarraa baratee boriif seenaa waloo hojjechuu akka qabu hubachiisaniiru.Yuunivarsitii Haramaayaatti Daayrektarri dhaabbata qorannoo Gadaa Dooktar Rattaa Dhugumaa fi Yuunivarsiitii Madda Waalaabuutti barsiisaafi qorataan Seenaa Obbo Tsaggaayee Morodaan tokkummaan Adwaarratti mul’ate uummata gurraachaaf fakkeenya kan ta’edha jedhan.Injifannoon Adwaa seenessa waloo uumuu keessatti bu’uura kan kaa’e ta’uu dubbataniiru.Ammallee gama dinagdeen injifannoo caalu galmeessuuf sabaa fi sablammoonni biyyattii waloon hojjechuu qabu jedhan.Leensaa Dirribaatu gabaase.#Oromia #Ityoophiyaa