Finfinnee, Guraandhala 18, 2017 (FMC) –Itti gaafatamtoonni caasaa gandaa carraa argataniin hawaasa isaanii sirnaan tajaajiluu akka qaban Qindeessaan Kilaastera Hawaasummaa naannoo Oromiyaa Obbo Saadaat Nashaan hubachiisan.Sadarkaa Pireezidaantii Itti Aanaatti Qindeessaan Kilaastara Hawaasummaa naannoo Oromiyaa Obbo Saadaat Nashaa Godina Booranaatti gandoota aanaalee Gomolee, Yaaballoofi Bulchiinsa Magaalaa Yaaballootti ijaaramuun tajaajilaa kennaa jiran daawwataniiru.Godinichatti Gandoota ijaaruun xumuruun tajaajilaaf oolchuun raawwii gaariirra jiraachuunis kan adda ba’e yoo ta’u ijaarsi Buufata Xiyyaaraa Diida Yaaballoos sadarkaa gaariirratti argama jedhameMurtee seena qabeessa Mootummaan Naannoo Oromiyaa murteesseen Caasaaleen gandootaa tajaajila barbaadameef kennaa jiraachuu kaasanii hooggansi gandaas carraa hawaasa tajaajiluu argataniin ummata isaaniif kutannoon hojjechuu akka qaban Obbo Saadaat dhaamuu ragaan Kominikeeshinii godinichaarraa argame ni mul’isa.