Finfinnee, Guraandhala 18, 2017 (FMC) – Hawaasni Daldalaa Paakiistaan dameewwan Investimantii Itiyoophiyaan qabdurratti akka hirmaataan waamichi dhiyaateera.Fooramiin Biiznasii Itiyoo – Paakiistaan Magaalaa Laahooritti taa’ameera.‘Agarsiisa Siingiil Kaantirii’ jedhamu Baatii Caamsaa dhufu Magaalaa Finfinneetti gaggeeffamuuf jedhu ilaalchisee fooramii taa’ame ta’uu eerameera.Paakiistaanitti Ambaasaaddara Itiyoophiyaaa Ambaasaaddar Dooktar Jamaal Bakar, Ministira Daldalaa Paakiistaan, aanga’oonni olaanoon Mana Maree Federeeshinii Daldalaa fi Indaastirii, Abbaa Taayitaa Misooma Daldalaa dabalatee Pireezidaantoonnii fi Barreessitoonni Mana Maree Daldalaa Panjaab 26 ol ta’an fooramichatti hirmaataniiru.Dameewwan Investimantii, Daldalaa fi Diinadee biyyoota lamaanii ilaalchisee ogeeyyiin ibsi taasifameera.Fooyyessi Diinagdee, Seeraa, Imaammata alaa fi siyaasaa mootummaan Itiyoophiyaa taasise daldalaa fi Investimantiif haala mijataa uumuu Ambaasaaddar Dooktar Jamaal Bakar ibsaniiru.Hawaasni Daldalaa Paakiistaan agarsiisa Finfinneetti qophaa’urratti akka hirmaataan waamicha dhiyeessuu Paakiistaanitti ragaan Embaasii Itiyoophiyaarraa argame ni mul’isa.