Mootummaan balaawwan nam-tolchee fi uumamaan mudatan ittisuuf dursa kennee hojjechaa jira- Aadde Loomii Badhoo

Wait 5 sec.

Finfinnee, Gurraandhala 18, 2017 (FMC)-Godina Jimmaa Aanaalee Sigigni lafaa mudatee fi lammiilee naannawaa kanneen jiraatan baraaruun haalota danda’amurratti mariin gaggeeffamaa jiraachuun ibsame.Godinicha Aanaalee Geeraa fi Gommaatti sigigni lafaa Magaalaa Ciiraa fi Limmuu Shaayeetti mudate miidhaalee garaagaraa qaqqabsisun eeramuun, fuulduraaf fala waaraa kaa’uun akkaataa danda’amurratti qooda fudhattoota waliin mariin gaggeeffamaa jirachuun eerameera.Maricharratti Af-yaa’ii Itti Aantuun Mana Maree Bakka Bu’oota Uummataa Aadde Loomii Badhoon haasawaa taasisaaniin, Mootummaan jijjiiramaa balaawwan nam-tolchee fi uumamaan mudatan miidhaa cimaa osoo hin qaqqabsiisin dursee ittisuun hojiilee garaagaraa hojjechaa jiraachuu himan.Maricharratti Aadde Loomii Badhoo dabalatee Pireezidaantii Itti Aanaa Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Awwaluu Abdii, Komishinara Komishinii Hoggansa Sodaa Balaa Federaalaa Ambaasaaddar Shifarraaw Taklamaariyaam fi qaamoleen dhimmichi ilaallatu biroon argamuu ragaan Kominikeeshinii Godina Jimmarraa argame ni mul’isa.#Oromia #Ethiopia