Hirmaannaa hawaasaa guddisuun dhibee ittisuun murteessaadha- Dooktar Maqdas Dhaabaa

Wait 5 sec.

Finfinnee, Gurraandhala 18, 2017 (FMC)- Ministirri Ministeera Fayyaa Dooktar Maqdas Dhaabaan garee Ogeeyyii Fayyaa Faawundeeshinii Geetis waliin mari’ataniiru.Waltajjicharratti Dooktar Maqdas xiyyeeffannoo ijoo Ministeera Fayyaarratti ibsa kennuun, sagantaaleen dhaabbiilee tumsitootaan hojirra oolan hundi Ministeera Fayyaa fi Tarsiimoo biyyaalessaan walsimuu qabu jedhan.Tajaajila fayyaa sadarkaa jalqabaa haadholii fi daa’immaniif kennaman guddisuun xiyyeeffannoo Ministeerri fayyaa dursa kennuuf ta’uu ibsaniiru.Haaluma kanaan hirmaannaa hawaasaa guddisuun dhibee ittisuun barbachisaa ta’uu kaasaniiru.Faayinaansii fayyaa, Karoora maatii, Fayyaa walhormaataa, Tajaajila fayyaa Inshuraansii fi galmoota misooma biroo galmaan ga’uurratti marii bal’aan gaggeeffamuu ragaan Ministeericharraa argame ni mul’isa.#Oromia #Ethiopia