Warshaan oomisha Baatirii konkolaataa Birrii biiliyoona 1 ijaarame eebbifame

Wait 5 sec.

Finfinnee, Guraandhala 18, 2017 (FMC) – Dabra Birhaanitti Warshaan oomisha Baatirii konkolaataa Birrii biiliyoona 1’n ijaarame eebbifameera.Warshichi dhaabbata ‘Siifan Niiw Inarjii Manufaakchariingi’ jedhamuun kan ijaarame yoo ta’u, Ministirri Ministeera Indaastirii Obbo Malaakuu Allebal ebisiisuun hojii eegalchiisaniiru.Warshichi namoota 110’f carraa hojii uumuufi Baatirii konkolaataa kanaan dura biyya alaarraa gala ture kan biyya keessaan bakka buusuuf qooda olaanaa qabaachuu himameera.Sagantaa eebba warshaa kanaarratti Ministira Ministeera Indaastirii Obbo Malaakuu Allebal dabalatee hoggantoonni naannoo biroon argamaniiru.Alaayyuu Garramawutu gabaase.#Oromia #Ethiopia