Finfinnee, Guraandhala 19, 2017 (FMC) – Ardii Afrikaatti guddina diinagdee fooyya’aa galmeessuuf ce’umsa Diijitaalaa saffisiisuun murteessaa ta’uu Ministirri Ministeera Innooveeshinii fi Teeknooloojii Dooktar Ballaxaa Mollaan ibsan.Yaa’iin Ce’umsa Diijitaalaa carraa Diijitaala Afrikaa gara fuulduraarratti xiyyeeffate magaalaa Finfinneetti taa’aamaa jira.Kaayyoon yaa’ichaa hojiirra oolmaa ce’umsa Diijitaalaa Afrikaa saffisiisuun Guddina Diinagdee fooyya’aa galmeessuuf ta’uu ragaan Ministeera Innooveeshinii fi Teeknooloojiirraa argame ni mul’isa.Imaammata baaftoonni Paan Afrikaa, To’attoonni, Hoggantoonni Indaastirii, ogeeyyiin damichaa fi abbootiin qabeenyaa jijjiirama Diijitaalaa Afrikaa saffisiisuu keessatti qindoominaan akka hojjetan Dooktar Ballaxaa Mollaan ibsaniiru.Diinagdee Diijitaalaa Afrikaa ijaaruun, carraalee haaraa banuu fi Dhiibbaa Afrikaan gabaa addunyaa keessatti qabdu guddisuuf murannoon hojjechuun murteessaa akka ta’e kaasaniiru.#Oromia #Ethiopia