Finfinnee, Guraandhala 20, 2017 (FMC)- Yuunivarsiitiin Finfinnee Faanaa Miidiyaa Korporeeshin waliin tumsaan hojjechuuf fedhii akka qabu ibseera.Pireezidaantii Eeggataan Yuunivarsiitichaa Dooktar Saamu’eel Kifleen, Faanaa Miidiyaa Korporeeshin erga daawwataniin booda Hojii Raawwachiisaa Olaanaa Faanaa Miidiyaa Korporeeshin Admaasuu Daamxoo waliin mari’ataniiru.Mariisaaniin, Yuunivarsiitiin Finfinnee Faanaa Miidiyaa Korporeeshin waliin walitti dhiyeenyaan hojjechuu akka barbaadu Dooktar Saamu’eel ibsaniiru.Hojiileen yuunivarsiitichi akka ofiin of bulchu taasisan bara kana kan xumuramu ta’uu eeruun, adeemsi isaa bu’aa qabeessa akka ta’uuf, Faanaa Miidiyaa Korporeeshin deeggarsa barbaachisaa akka taasisu gaafataniiru.Hojiilee qorannoo fi qo’annoo hayyoonni yuunivarsiitichaa hojjetan karaa sirriin uummata bira akka gahaniif FMC’n gaheesaa akka bahatu amantaa qaban ibsaniiru.Hojii Raawwachiisaa Olaanaan Faanaa Miidiyaa Korporeeshin Admaasuu Daamxoon gamasaaniin, miidiyichi hayyoota yuunivarsiitichaa wabeeffachuun hojiilee riifoormii biyyaalessaa deeggaran akka hojjetus eeraniiru.Faanaa Miidiyaa Korporeeshin dandeettii isaa cimsachuu kaasanii, adeemsa yuunivarsiitichi ofiin of bulchuuf taasisu kan deeggaru ta’uu mirkaneessaniiru.Haayilamaariyaam Taganyitu gabaase.#Oromia #Ethiopia