Finfinnee, Guraandhala 19, 2017 (FMC) – Mootummoonni Misoomaa Baha Afrikaa IGAD hojii dubartoota ga’oomsuu cimsee kan itti fufu ta’uu beeksiseera.Barreessaa Olaanaan IGAD Dooktar Warqinaa Gabayyoon leenjii dubartoota ga’oomsuu qophaa’erratti argamuun ergaa dabarsaniin, ilaalchonni yeroo hin madaallee fi rakkooleen gurmaa’insaa dubartoonni hojii irratti bobba’aniin akka hin milkoofne gufuu ta’aa jiraachuu kaasaniiru.Mootummoonni Misoomaa Baha Afrikaa hanga Bara Faranjootaa 2030tti walqixxummaa koorniyaa mirkaneessuuf hojiin hojjetaa jiru bu’aa argamsiisaniis ammas rakkoon jiraachuu Dooktar Warqinaan fuula miidiyaa hawaasummaa isaaniin eeraniiru.Dubartoonni damee hundaan bu’aa qabeessa akka ta’an ga’oomsuun murteessaadha jedhan.IGAD itti fufiinsaan dubartoota deeggaruu cimsee kan itti fufu ta’uu mirkaneessaniiru.#Oromia #Ethiopia