Keeniyaan Garee Shaneerratti tarkaanfii fudhachaa jiraachuu ibsite

Wait 5 sec.

Finfinnee, Guraandhala 19, 2017 (FMC) – Tajaajilli Poolisii Biyyaalessaa Keeniyaa Garee shororkeessaa Shanee bulchiinsa biyyattii keessa socho’urratti tarkaanfii fudhachaa jiraachuu ibseera.Opireeshiniin ‘Ondoa Jangili’ jedhamuu gareewwan gochaalee seeraan alaa nageenya biyyaalessaa kutaalee biyyaattirratti yaddoo nageenyaa uumu raawwachaa jiranirratti kan xiyyeeffate ta’uun ibsameera.Hidhattootaa Keeniyaa keessa socho’aanii fi Daangaa Itiyoophiyaa fi Keeniyaatti hojiilee seeraan alaa raawwatanirratti tarkaanfiin fudhatamaa jiraachuun ibsameera.Haaluma kanaan garee baala sammuu hadoochuu fi daddabarsa meeshaalee waraanaa hundeessuun tarkaanfii fudhachaa jiraachuu Poolisiin Biyyaattii ibseera.Hanga ammaati Dokumantii garichi itti fayyadamaa ture, Meeshaalee waraanaa fi maallaqoota biyyoota garaagaraa oomishuuf gargaaran to’achuu ibseera.Dabalataanis Meeshaalee hoggantoonni garichaa fayyadamaa turan kan akka Konkolaattotaa,Doqdoqqee fi meeshaaleen kontiroobaandii garaagaraa to’atamuun himameera.Fuulduratti Mootummaan keeniyaa nageenya waaraa mirkaneessuuf hojii deebisanii dhaabuu fi tarsimoo nageenyaarratti kan xiyyeeffatu ta’uu ‘Ktn News Keniya’Heelen Taddasaatu gabaase.#Oromia #Ethiopia