Bidiruun Haroo Haramaayaarra namoota 8 feetee imalaa turte garagaluun lubbuun namoota 3 darbe

Wait 5 sec.

Finfinnee, Guraandhala 17, 2017 (FMC) – Bidiruun Haroo Haramaayaarra namoota 8 feetee imalaa turte garagaluun lubbuun namoota 3 darbuu Poolisiin Kutaa Magaalaa Haramaayaa beeksise.Bidiruun magaalaa Maayaa kutaa magaalaa Haramaayaa ganda 01 irraa gara wiirtuu ganda Haajiitti namoota 8 feetee Haroo Haramaayaarra imalaa turte garagaluun lubbuun namoota 3 darbuu Poolisiin Kutaa magaalichaa himeera.Namoonni kunneen hojii qonnaaf daboo namaaf oolanii osoo galaa jiranuu balaan kun isaan muudachuu Itti Gaafatamaan Waajjira Poolisii Kutaa Magaalaa Haraamaayaa Komaandar Alamaayyoo Taasisaa FMCtti himaniiru.Ka’umsi balichaa Bidirittiin humnaa ol fe’uun kan uumame ta’uu eerameera.Namoonni 5 lubbuun hafan miidhaan cimaan irra gahe wal’aansaaf gara Hospitaala Waliigala Haramaayaatti ergamuu ibsameera.Nageessoo Kadirtu gabaase.#Oromia #Ethiopia