Finfinnee, Guraandhala 17, 2017 (FMC)– Itiyoophiyaatti sirni tajaajilli loogiirraa bilisaa itti kennamu diriireera jechuun Ministirri Ministeera Nageenyaa Obbo Mahaammad Idiriis ibsan.Jilli Barreessan Faawundeeshinii Mahaammad 6ffaa Morookoo Dooktar Mahaammad Rafiiqiin durfamu, Ministira Nageenyaa Obbo Mahaammad Idiriis waliin hariiroo fi walta’iinsaa biyyoota lameen gidduu haala cimsuun danda’amurratti mari’ataniiru.Jilichi Itiyoophiyaan biyya qaroomina duriin beekamtu ta’uurraan muuxannoo hedduu irraa qooddachuuf akka dhufan ibsaniiru.Itiyoophiyaan heera amantaalee hunda walqixaa fi haqummaan itti keessummeessitu kan qabdu ta’uu Obbo Mahaammad himanii, sirni tajaajilli mootummaa loogiirraa bilisaa itti kennamu diriireeras jedhan.Kunis amantaalee gidduutti hariiroo nagaa kan cimsu ta’uu ibsaniiru.Biyyootaa Afrikaa 48tti damee isaa kan bane Faawundeeshiniin Mahaammad 6ffaa Morookoo, Itiyoophiyaatti damee isaa banuuf gaaffii jilichaan dhiyaateef, fuulduratti deebiin kan kennamu ta’uu ibsuu ragaan ministeericharraa argame ni mul’isa.Jilichis gama isaan, bulchiinsa sabdanummaa, keessumaa manneen amantaalee nageenyaa fi fayyadamummaaf haalli waloon itti hojjetan muuxannoo gaarii akka ta’u dubbataniiru.#Oromia #Ethiopia