Finfinnee, Guraandhala 18, 2017 (FMC) – Abbootiin qabeenyaa Chaayinaa kutaa bulchiinsa Jaangizuu Itiyoophiyaatti hojiilee invastimantiirratti hirmaachuuf fedhii qabaaachuu ibsaniiru.Jilli garee biiznasii Daayrektara Jeneraalaa Biiroo Daldalaa kutaa bulchiinsa Jaangizuu Sii Yoongiin durfamu Komishinara Komishinii Invastimantii Itiyoophiyaa Dooktar Zallaqaa Tamasgeen waliin mari’ateera.Mariisaaniin, Riifoormiin diinagdee Itiyoophiyaan hojiirra oolchaa jirtu invastimantiif haala mijataa kan uumu ta’uu isaan, abbootiin qabeenyaa carraa kanatti akka fayyadaman Dooktar Zallaqaa waamicha taasisaniiru.Sii Yoongi gamasaaniin, Itiyoophiyaa fi Chaayinaan hariiroo daldalaa fi invastimantii cimaa qabaachuu dubbataniiru.Abbootiin qabeenyaa kutaa bulchiinsichaa Itiyoophiyaatti damee manufaakchariingiirratti bobba’uuf fedhii qabaachuu ibsaniiru.Fedhii kana gara hojiitti hiikuuf waliigaltee dandeessisu mallatteessuuf qophii ta’uu ibsuu isaanii ragaan komishinicharraa argame ni mul’isa.