Ijaarsi piroojektii buufata raabsa elektirikii Zoonii Addaa Diinagdee Gadaa %48 qaqqabuun ibsame

Wait 5 sec.

Finfinnee, Guraandhala 20, 2017 (FMC) – Raawwiin ijaarsa piroojektii buufata raabsa elektirikii Zoonii Addaa Diinagdee Gadaa % 48 qaqqabuun ibsame.Buufatichi kiiloo vooltii 230 kan qabu yoo ta’u, ijaarsa hanga baatii Adoolessaatti xumuruuf hojjetamaa jiraachuu eerameera.Meeshaalee elektiroo mekaanikaalaa buufatichaa kaa’uuf kan tajaajilan bu’uurri 290 qotamuu fi koonkiriitiin guutamuu akkasumas ijaarsonni tiraanisfoormariiwwan afur baatan xumuramuu Hojii Gaggeessaan Saayitii Piroojektichaa Teewoodiroos Gaashaaw ibsaniiru.Yeroo ammaa raawwiin ijaarsa buufatichaa % 48.5 gahuu eeruun, ijaarsa daandii, ijaarsa kutaa to’annoo fi dhabamsiisa dhangala’aa hafan hanga baatii Adoolessaatti xumuruuf hojjetamaa jiraachuu himaniiru.Humna ibsaa Zoonichi barbaadu meegaa voolt ampeerii 575 keessaa piroojektichi boqonnaa jalqabaan humna ibsa meegaa voolt ampeerii 252 dhiyeessuu kan dandeessisu ta’uu ragaan Humna Elektiriikaa Itiyoophiyaarraa argame ni mul’isa.#Oromia #Ityoophiyaa