Qondaaltoota olaanoo duraanii WBO’f Muudamni kenname

Wait 5 sec.

Finfinnee, Guraandhala 14, 2017 (FMC) – Qondaaltoota Waraana Bilisumma Oromoo waliigaltee araaraa fudhachuun galaniif mootummaan naannoo Oromiyaa muudama kenneera.Nageenya waaraa Oromiyaa keessatti mirkaneessuuf akkasumas garaagarummaa ejjennoo siyaasaa afaan Qawweetiin osoo hin taane marii fi walhubannaadhaan furuun akka danda’amu waliigaltee MNO fi Qondaaltoota WBO gidduutti taasifameen injifannoon hin haalamne galmaa’e jira.Waliigalteen mallattaa’ees qabatamaan hojiitti hiikamaa jira.Adeemsi jalqabame kun akka biyyaa fi naannootti ijaarsa nageenyaa jalqabame waaraan mirkaneessuu fi aadaa diimokiraasii fi siyaasaa jijjiiruu keessatti tarkaanfii fakkeenyummaa qabu ta’us ibsameera.Haaluma kanaan:-1. Obbo Yaadasaa Nagaasaa Sadarkaa Hogganaa Biirootti gorsaa nageenyaa Pireezidaantii Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Oromiyaa,2. Obbo Oromiyaa Rabbumaa Tasammaa Hogganaa Itti Aanaa Abbaa Alangaa Waliigalaa Oromiyaa,3. Obbo Toleeraa Raggaasaa Hogganaa Itti Aanaa Biiroo Bulchiinsaa fi Nageenyaa ta’uudhaan muudamaniiru.#Oromia #Ethiopia