Finfinnee, Guraandhala 14, 2017 (FMC) – Kantibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Hospitaala Yaadannoo Zawdituutti giddugala gahumsa narvii daa’immanii fi yaalii baqaqsanii yaaluu dugugguruu dugdaa eebbisiisaniiru.Giddugalli gahumsaa kun meeshaaleen yaalaa ammayyaa kan guutameef waggaatti daa’imman kuma 5 ol ta’aniif tajaajila kan kennu yoo ta’u, daa’imman biyya keenyaaf shoora guddaa kan qabu akkasumas magaalli keenya daa’imman guddisuuf magaalaa filatamtuu Afrikaa taasisuuf hojii eegalle kan deeggarudha jedhan fuula miidiyaa hawaasummaa isaaniin.Fedhii tajaajilamtootaa yeroo gara yerootti dabalaa dhufe keessummeessuu fi damee fayyaatiin jijjiirama bu’uuraa fiduuf xiyyeeffannoo kenninee hojjachuu irratti kan argamnu yoo ta’u, Hospitaala Yaadannoo Zawdituutti kan ijaarame giddugala gahumsaa kanaaf gahee Riich Anaazar Faawondeeshin nuuf taasiseef maqaa koo fi jiraattota keenyaan galateffachuun barbaada.#Oromia #Ethiopia