Oomishni qonnaa kuntaalli miliyoona 601 walitti qabameera-Ministeericha

Wait 5 sec.

Finfinnee, Guraandhala 14, 2017 (FMC)-Hanga ammaatti oomishni qonnaa kuntaalli miliyoona 601 walitti qabamuu Ministeerri Qonnaa beeksise.Ministeerichi raawwii baatiiwwan ja’an darbanii dhaabbilee waamamtotaa fi naannolee waliin qorachaa jira.Qonna jallisiin lafa hektaara miliyoona 4 irra sanyii facaasuuf karoorfamee hanga ammaatti lafa hektaara miiliyoona 3.5 olirra facaasuun akka danda’ame eeraniiru.Ministeerichi damee misooma Abaaboon marsaa jalqabaan lafa hektaara kuma 900 fi kuma 25 irra sanyiin facaafamuu dubbataniiru.Damee misooma qurxummii fi beeyladaan, sagantaa Maaddii Guutuun kan karoorfameen ol milkeessuun danda’ameera jedhaniiru.Beeyladoota miliyoona 1.9 ol diqaalomsuun akka danda’ame ibsanii, baatiiwwan ja’an darban keessa cuucii guyyaa tokko, miliyoona 61.5 raabsuun akka danda’ame himaniiru.Bara baajatichaatti Sagantaa Ashaaraa Magariisaa biqiltuuwwan biliyoona 7.5 dhaabuuf karoorfamuu eeranii, hanga ammaatti biqiltuun biliyoonni 2.5 qophaa’uu eeraniiru.#Oromia #Ethiopia