Ayyaanni Arafaa waggaa 1446ffaan magaalota Hararii fi Maayaatti kabajamaa jira

Wait 5 sec.

Finfinnee, Caamsaa 29, 2017 (FMC) – Ayyaanni Arafaa ykn Iid Al Adhaa waggaa 1446ffaan sirnoota garagaraan magaalota Harari fi Maayaattii kabajamaa jira.Hordoftoonni amantichaa magaalaa fi baadiyaa irraa istaadiyeemii Amiir Habuubaatti walittiqabamuun ayyanicha solaataa fi Iid Takbiiaan kabaajaa jiru.Haaluma walfakkaatuun ayyanichi magaalaa Maayaattis kan kabajame yoo ta’u sagantaa Arafaa kana irraatti kan argaman ittii gaafatamaan mana marii dhimma Islaamummaa kutaa magalaa Haramaayaa Sheek Abduulaxiif Matan guyyaa iidaa kannatti kan rakkate gargaaruu, waan qabnu waliif qoduu qabna jedhan.Tasfaayee Haayiluu fi Yaasin Shamsuddiintu gabaase.