Miidiyaan faayidaa biyyaalessaaf dursa kennuun hojjechuu qaba

Wait 5 sec.

Finfinnee, Caamsaa 28, 2017 (FMC) –Giddugalli Leenjii Faanaa Miidiyaa Koorporeeshin akkaadaamii Teeleeviizyiinii Raashiyaa waliin ta’uu Gaazeexeessitootaf leenjii ogummaa kennaniiru.Itiyoophiyaa fi Raashiyaan biyyoota michuu bara dheeraa ta’uu fi ammas dhaabbileen miidiyaa lamaan michummaa kana caalmaatti guddisuuf tumsaan hojjechaa jiru jedhan Itti Aanaa Hojii Raawwachiisaan Faanaa Miidiyaa Koorporeeshinii Alaazaar Taaddalaan.Giddugalli Leenjii Faanaa Miidiyaa Koorporeeshin ogummaa Gaazexeessummaa dagaagsuu bu’uura godhatee dhaabbilee adda addaa waliin tumsaan hojjechuu ittifufa jedhan.Faayidaa biyyaalessaaf dursa kennuun hojjechuun murteessaa ta’uu kaasan.Teeknooloojii fi ogummaa addunyaa si’anaa madaalu hidhachuuf tumsaan hojjechuun barbaachisaa ta’uus obbo Azaalar kaasaniiru.Gaazeessitoonni RT muuxannoo idil addunyaa qabanii fi ogummaa isaanii Gaazexeessitoota FMC’f qoodaniiru.Gaazexeessummaan ogummaa wareegama gaafatu ta’us faayidaa biyyaalessaa fi birmadummaa biyyaa kabachiisuuf shoora olaanaa qaba jedhan.Miidiyaan ijaarsa biyyaa keessatti gumaacha gita hin qabne qaba kan jedhan gaazexeessitoonni kunneen, haala jiru beeksisuu fi hubachiisuun cichoomina gaazexeessaa gaafata jechuun eeran.Miidiyaaleen addunyaa kamiiyyuu fedhii biyyaa fi ergama kennameef raawwachuuf dursa kennu jedhan.Siifan Magarsaatu gabaase.#Oromia #Ethiopia