Finfinnee, Caamsaa 28, 2017 (FMC)- Miidiyaaleen Sosochii Itiyoophiyaa qulqulluuf gahee isaanii bahachuu qabu jedhan Hoji Raawwachiisaa Olaanaan Faanaa Miidiyaa Korpooreeshinii obbo Admaasuu Daamxoon.Sosochiin Itiyoophiyaa qulqulluu marsaa 6ffaan Abbaa Taayitaa Eegumsa Naannoo Itiyoophiyaan qophaa’ee baatii jahaf turu guyyaa har’aa eegaleera.Sirna eegalchiisa sosochichaa sababeeffachuun mariin paanaalii gaggeeffameera.Marii Paanaalicharratti obbo Admaasuun haasawaa taasisaniin, miidiyaaleen sosochii duula Itiyoophiyaa qulqulluurratti yaada bocuun gahee isaanii bahachuu qabu jedhan.Miidiyaalee dhaqqabummaa qaban sososchiicha keessatti guddisuu akka qaban eeruun, hojii hawaasa hirmaachiise hojjechuu akka qaban dubbataniiru.Akkasumas seektroota giddu qindoominni jiraachuu akka qabu ibsuun, yaadaa fi kaayyoo waloof hojjechuu qabus jedhan.Miidiyaaleen odeeffannoo kennuu qofa osoo hin taane hojjechuun barbaachiisadha kan jedhan Obbo Admaasuun hanga jijjiiramni qabatamaan argamutti cicoominaan hojjechuu qabu jedhan.Ministir Deetaan Tajaajila Kominikeeshinii Mootummaa Tasfaahuun Goobazeey gamasaaniin, Mootummaan eegumsa Naannoof Imaammataa bocuun hojirra oolcheera jedhan.Itiyoophiyaa qulqulluu uumuuf Ashaaraa Magariisaa, Misooma Koriidarii fi hojiileen garaagaraa hojjetamuu ibsaniiru.Yoonaas Geetinnatitu gabaase.