Mootummaan Islooveeniyaa damee qonnaan deeggarsa Itiyoophiyaaf taasisu cimsee itti fufa- Pireezidaanti Naataash Piirik

Wait 5 sec.

Finfinnee, Caamsaa 28, 2017 (FMC) –Pireezidaantiin Islooveeniyaa Naataash Piirik Musaar Magaalaa Finfinneetti bakka horsiisa kannisaa ammayyaa eebbisuun bananiiru.Itiyoophiyaa galmoota maaddii guutuun milkeessuuf qabatee fi oomisha dammaa sadarkaa isaa eeggate argachuuf ni dandeessisa kan jedhame bakki horsiisa kanniisaa ammayyaa eegalchiifameera.Pireezidaanti Naataash Piirik wayita kanatti haasawaa taasisaniin, qabeenya kuufama Itiyoophiyaan qabdu qorannoon deeggaruun galmoota maaddii guutuu milkeessuun akka danda’amu dubbataniiru.Islooveeniyaan Kanniisa horsiisuun addunyaarraa maqaa gaarii kan qabdu ta’uu ibsuun, damichaafi kanneen biroon walta’iinsaan hojjennaas jedhaniiru.Akkasumas Islooveeniyaan hariiroo Itiyoophiyaa waliin qabdu caalmaatti guddisuuf fedhii olaanaa qabachuu ibsaniiru.Kantiibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebeen gamasaaniin, Itiyoophiyaan oomisha dammaan galmoota maaddii guutuu dursitee milkeessuuf horsiisa kannisaa teeknooloojii fi qorannoon deeggarameen argachuu kan dandeessuu ta’uu hubachiisaniiru.Waggoottan darban mootummaan damee qonnaaf xiyyeeffannoo kennuun wabii nyaataa lammiilee mirkaneessuuf cichoomee hojjetaa jiras jedhan.Itiyoophiyaa fi Islooveeniyaan hariiroo damee hundaan qaban cimsanii itti fufuu isaaniin, barnoota, qonna teeknooloojii fi tuurizimiin bu’aaleen argamuu ibsaniiru.Gizaachew Girmaayeetu gabaase.